Miidhama Saalibaa, gurgurtaa Odeegaardii fi Buruunoo Fernaandez- Oduu jijjiirraa

Maartiin Odeegard fi Buruunoo Fernaandez

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Liiverpuul taphataa Liiverpuul Biraadilii Baarkolaa mallatteessisuuf akka abdii guutuu qabu ibse.

Arsenaalii fi Baayern Muunik akkasuma taphaticha mallattesisuuf gaafataa jiru.

Baarkolaan Waancaa Addunyaa irratti gahumsa gaarii agarsiiseera. Taphataa kana Liiverpuul erga bara darbee as gaafataa ture.

Maanchister Yuunaayitid taphataa Barnimooz Aleeksi Iskoot mallatteesisuuf gaafatus dorgommii cimaan isa mudateera.

Filannoon Aleeksi Iskoot garuu Arsenaalidha. Haa tahu malee, sodaan isaa yoon Arsenaal gale yeroo taphaa hagamin argadha isa jedhudha.

Aleeksi Iskoot gara Cheelsiis galuu barbaada ture. Cheelsiin paawondii miliyoona 64 dhiyeessee Barnimooz garuu hin fudhanne.

Oduu biraan Buruunoo Fernaandez kontiraata haaraa Maanchister Yuunaayitid waliin mallatteessuf akka jedhu himame.

Kileboota Sawud Arabiyaan barbaadamaa kan ture Buruunoon Yuunaayitid waliin yeroo dheeraa turuuf murteesseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal dursaa taphattoota isaanii Maartiin Odeegaard gurguruu danda'u. Taphataa ganna 27 kanaaf gatii gaarii akka dhaggeeffataa jiran Telegiraaf gabaaseera.

Arsenaal Buruunoo Gumaaresh mallatteessisuu barbaada. Yoo kanaan milkaa'e ammoo Odeegard gurguruu danda'a.

Arsenaal sarara gidduu isaa taphattoota teeknikaa fi jabina qaamaa guutuu qabaniin ijaaruu barbaada.

Maanchister Yuunaayitid taphataa Riyaal Maadirid Edwaardoo Kamaviingaa mallattesisuu barbaada.

Kaamaaviingaan gahumsa gaarii irra waan hin turreef Faransaay waliin hiree Waancaa Addunyaa osoo hin argatiin hafe.

Wiiliyaam saalibaan waan miidhameef yeroo dhiyootti taphatti hin deebi'u.

Gabaasonni bahan akka agarsiisanitti Saaliibaan miidhama isa mudateef tajaajila baqaqsanii yaaluu hin taasifatu. Garuu yeroo dheeraa fudhachuun miidhamarraa bayyaannachuuf akka turu ibsame.

Taphataan Woolvis Toluu Arokodaree dirree keessaa hin bahu waan jedheef leenjisaan shaakala addaan ktee bahe.

Taphataan kun kileba Xaaliyaanii Fiyoorentiinaa galuu barbaada. Garuu Woolvis kileba Tarkii Tiraabzonsporitti gurguruuf waliigalee ture.

Taphatichi gara Tarkii deemuu hin barbaanne. Taphataan ganna 25 lammii Naayijeeriyaa tahe kun dirree keessa taa'ee hin ka'u jedhe. Haga akkan gara Fiyooreentiinaa deemu naaf eeyyamtanitti asii hin ka'u jechuun waan dideef taphattoonni kaan shaakala hojjechuu hin dandeenye.

Kanaaf leenjisaan shaakala kaleessaa adda kute. Tapha michummaa Wolvis taphate keessattis hin hammatamne.

Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid Kaazemiiroon kileba Liyonel Meesii fa'aa keessa taphatan Inter Miyaamii gale.

Deevid Beekam Kaazemiiroon kilebicha filachuu isaatti galateeffateera.