Iraan maaf Ulaa Hormuuzif balaaa hedduu keessummeessaa jirti?

Madda suuraa, EPA/Shutterstock
Ulaa Hormuuz too'achuuf walwaraansa US waliin guyyoota 10 fudhateen booda Hogganaan Iraan amma Filannoo sadii qabu. Karaa sadan keessaa tokkoyyuu garuu gara injifaannootti kan geessu miti.
Filannoon jalqabaa waan waashingitan jette hunda fudhachuudha. Ulaa Hormuuz kana keessa dooniiwwan daldalaa kaffaltii malee fi nagaan akka darban gochuu, dhimma gabbisa Nukilaraa irrattis gareen qorattoota walabaa akka seenan heeyyamuudha.
Gama biraatiin Teehiraan ammoo buufatawwan Iraan Ameerikaan cuftee jirtu akka banaman, qoqqobbii irraa aara galfachuu fi haleellaa biraa irraa walaba ta'uu feeti.
Kuni filannoowwan jiran keessaa isa wayyaa qaba jedhamu.
Ulaa Hormuuz bulchiinsa Iraaniin akka hin too'atamnetti banuun Iraaniif akka harka kennachuuti.
Yeroo jalqabaatiif Ripabliikni Islaamaa haleellaa diinotaan daangaa biyyasaanii keessatti raawwatameef deebii kan ta'u Ulaa Hormuuz cufuudhaan dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa uumuun milkaa'an.
Gama kaaniin gabbisni Nukilaaraa yeroo dheeraadhaaf Mirga Iraan dhiisuu hin dandeenye akka ta'etti himamaa ture.
Fedhii saganta Nukilaraa Iraan irratti daangeffama kaa'uu Ameerikaan barbaadduuf dhiibbaan waaraana Ameerikaa shoora olaanaa akka bahe kanneen falman jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kuni ammoo sagantaa gabbisa Nukilaraa Iraaniin alatti hariiroo Iraan Hizboollaah fi shiyaa Iraaq akkasumas Huutii yemen waliin qabdu irratti dhiibbaa uumuufis karra baneera.
Filannoo inni lammataa waraanicha cichanii itti fufuudha. Iraan buufatawwan Ameerikaa qaxanaa sana keessa jiran haleeluu, dooniiwwan, bu'uuraalee misoomaa Araba keessaa jiran tumuun Waashingitanii fi michuuwwanshee harka micciiruu kan jedhu.
Kuni ammoo balaa waraanaa cimaa hordofsiisa. Haleellaan bu'uuraalee misoomaa biyyoota Arabaa keessatti taasiftu ollaawwanshee dallansiisuun olloota waliin gara waraana fuulleetti akka seentu gochuu mala.
Filannoo sadaffaan tasgabbii dhabuu amma jiru kana itti fufsiisudha. Dhiibbaan Dooniiwwanii fi gabaa Anniisaa irra jiru haala amma jiru itti fufsiisuuf gahaa ta'uu mala. Garuu Ameerikaa waliin gara waraana guutuutti deebi'uuf gahaa miti.
Kuni ilaalcha Rippabliikni Islaamaa ittiin hundeeffame waliin waan deemu fakkaata. Waraana keessatti osoo hin moo'amin dandamattee turuu dandeenyaan waan guddaadha.
Osoo hin moo'amne itti fufuun mataansaa akka injifannooti eeramuu mala. Garuu waraana hordofee qaala'iinsi jireenyaa uumamu biyya keessatti dhiibbaa uumuu mala.
Adaduma yeroon deemuun wanti jijjiiramu jiraachuu mala. Iraan Ulaa Hormuuz akka meeshaa waraanaatti baayyee fayyadamaa yeroo deemtu biyyootni yoo filannoo biraa ittiin doonii geejjibsiisan argatan bu'a qabeessummaan toftaa kanaa gadi bu'a.
Dubbi himaan Paarlaamaa Iraan Bagiheer Galibaaf, barbaadamni Ulaa Hormuuz hir'achuurra daranuu dabalaa akka deeme himan.
Kan murtii murteessaa jiru eenyu?
Erga Hogganaa Olaanaan Iraan Ayatolaa Ali Kameenii haleessaa US Israa'eeliin ji'a Gurraandhalaa darbe keessa ajjeefamanii mootummaan biyyattii fi eegdotni warraaqsaa hoggantoota haaraadhaan gaggeefamaa jira.
Garuu waraana ji'ootaaf turee fi erga Mojtabaa Kameenii filatamanii madaalli aangoo jiru haalan ifa miti.
Pirezedaantiin biyyattii Masuud Pezeshkiyaanii fi dipilomaatonni dhiibbaa dinagdee hir'isuuf nagaaf tasgabbiin deebisuu kan jedhu fedhu. Gareen ciccimoon akka miseensota Paarlaamaa, dhaabbileen filatamanii fi miidiyaaleen garuu ilaalcha Rippaabliikni Islaamaa hundeeffameef irratti cichuu filatu.
Gaaffii guddaan kan ka'u humna waraanaa keessumaa Eegdota warraaqsaa irratti. Sagantaan misaa'elaa iraan, waloomni qaxanaa, fi tarsiimoon ulaa hormuuz harka garee kanaatiin hogganama.
Fulannoowwna olitti caqafaman sadeen garuu Iraan gatii walfakkaataa ta'e hin baasisan. Kanaaf jecha amma wanti ijoon filannoo kamtu deemsisa kan jedhu qofa osoo hin taane filannoo kan murteessu eenyu kan jedhus waan ijoodha.
Iraanotni maal jecha jiru?
Iraanii fi Ameerikaan tarkaanfiiwwan waraanaa dhaabuuf Ji'a waxabajjii darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessanii ture. Ulaa Hormuuz banuu, waraana guyyoota 60 ture dhaabuunis galma waliigaltee kanaa ture.
Garuu waliigalteen kuni mallattaa'ee torbee sadiin booda pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp sababa Iraan Ulaa hormuuz irratti doonii haleelteef dhukaasa dhaabuun dhumachuu labsuun Iraan Irratti haleellaa haaloo bahumsaa raawwatan.
Dubartiin Iraan tokko waraanni deebi'ee itti fufuu isaatti 'Baayyee Baayyeen gadde' jechuun BBC Pershiyaatti himte.
Isheen waliigalteen dhukaasa dhaabuu suni garee lamaaniif rakkoowwan gidduu isaanii jiran furuuf daandii saaqa jettee abdattee ture. amma garuu waraanichi deebi'ee eegaluu isaatiin mancaatiin bu'uura misoomaa fi ajjeechaa lammiilee nagaa yaadoo isheetti ta'e.
Isheen gaggeesitoota Iraan keessa warra filannoo badii filatantu jira jechuun qeeqxi. Qaamoleen gama biraatiin jiranis warra waraana jajjabeessudha jechuun himti.
Dubartiin biraa BBCn dubbise kaampaaniin daldalaa biyya alaa isheen keessa hojjechaa turte sababa waraana kanaatiin cufamuu himti. Sababa Kanaan doktoreetiin eebbifamtee fi muuxannoo hojii waggaa 17 osoo qabduu hoji dhabduu ta'u dubbatti.
"Namni nama qacaru hin jiru. sababnisaas waan itti aanee ta'u namni beeku hin jiru" jetti. Gatiin meeshaalee qaala'uun, bishaan addda cituun, hanni hammaachuunii fi dhukaasni halkan halkanii yaadoo ta'uu himti.
Dhimma waraana Iran kana irratti Doonald Tiraampis filannoo mataasaa murteessuuf rakkateera. Waraanicha bal'isee ittti fufuu, dhiibbaa dinagdee itti fufsiisuu, yookan ammoo gabbisni Nukilara Iraan hordoffii jala ta'ee akka itti fufu heeyyamuu kan jedhu.
Namni daandiin injifannoo sirriin kana jedhee akeeku ammatti hin jiru.
Dhibdeen isaanii akkuma amma jiru kanatti ji'ootaaf haleellaa marsaa adda addaa, jaarsummaa fi waraana dhaabuu jechaa ji'ootaaf itti fufuu mala.
Gaaffii guddaan gaggeesitootni Iraan waraana guutuu ta'e osoo hin kaasne, tasgabbii dhabuu haaraa osoo hin uumne yookan filannoowwan ejjennoosaanii laalessan osoo hin filatni Ulaa Hormuuz qofa akka Humna cimaatti fayyadamanii hangamiif itti fufuu danda'u kan jedhudha.
















