KALLATTIIN, Tiraamp buufata Niwukilaraa Iraan haleeluuf dhaadatan

Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera. Tiraamp buufata nuukileeraa Iraan haleeluuf dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Iraan gara mariitti deebi'uuf cimsitee nu kadhachaa jirti'- Tiraamp

    Pirezidaanti Liibaanos Jooseef Aawuuni fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Liibaanos Jooseef Aawuuni fi Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan waraanni akka dhaabbatuuf mootummaa Ameerikaa waliin mari'achuuf cimsitee kadhachaa jirti jechuun dubbatan

    Tiraamp Pirezidaantii Liibaanos Jooseef Awuun waliin Waayit Haawusitti ibsa miidiyaaf kennaniin, mootummaa Iraan "haala abdii kutannaa keessa jirti" jechuun ibsan.

    Mootummaa isaanii waliin mari'achuufis fedhii qabaachuu himaniiru.

    Haa ta'u malee, "Yoo marii hiika qabu geggeessuu hin barbaadne ta'e, nutis marii sana hin barbaannu," jechuun akeekkachiisaniiru.

    Gama biraatinis hidhattoonni Huutii Yaman sochii galaanaa Sa'uudi Arabiyaa irratti uggura kaa'uu isaanii ilaalchisee, Tiraamp, "Yoo Huutiin buufatawwan galaanaa Sa'uudi Arabiyaa cufe, Ameerikaan rakkoo kana ni hiikti," jedhan.

    Rooyitersi akka gabaasetti, dooniiwwan boba'aa Sa'uudi Arabiyaa sadii Galaana Diimaa keessa imalaa turan akeekkachiisa Huutiin kallattii isaanii jijjiiraniiru.

    Pirezidaantiin Liibaanos Jooseef Aawuun walitti bu'iinsi Israa'el fi Liibaanos akka dhaabbatu abdii qaban himanii, kun mootummaa Tiraampiif bu'aa seenaa keessatti yaadatamu ta'uu akka danda'u ibsaniiru.

    Tiraamp gamasaaniin, Ameerikaan Liibaanosiif deeggarsa barbaachisu hunda akka gootu waadaa galan.

  2. Dooniiwwan boba'aa Sa'uudii sadii akeekkachiisa Huutiin kallattii isaanii jijjiiran

    Galaana Diimaa

    Madda suuraa, Reuters

    Akeekkachiisa Huutii Yaman irraa kenname hordofuun dooniiwwan boba’aa gurguddoon Sa’uudii Arabiyaa sadii Galaana Diimaa keessa qaxxamuraa turan akka ofirra deebi’an dirqamaniiru.

    Dooniiwwan kunneen boba'aa Sa'uudi Arabiyaa irraa gara Chaayinaa fi Hindiitti geessaa turan jedhameera.

    Michuu Iraan kan Sa’udiin akka diinaatti ilaaltu gareewwan Huutii dooniiwwan buufata doonii Sa’udii seenan ykn ba’an kamiyyuu irratti akka xiyyeeffatu akeekkachiisera.

    Dooniiwwan kunneen karaa Baab al-Mandab keessaa ba'anii gara Eeshiyaatti imaluuf karoorfatanii turan. Haa ta'u malee, akeekkachiisa hidhattoota Huutii Yaman booda kallattii isaanii jijjiiruun gara bo'oo Suweezitti deebi'aniiru.

    Akeekkachiisu Huutii erga dhaga'amee booda dhaabbileen inshuraansii balaa geejjibaa sadarkaa Galaana Diimaa fi buufatawwan Sa'uudi Arabiyaa irra jiru ol kaasaniiru.

    Ogeeyyiin geejjibaa akka jedhanitti, yoo nageenyi naannawaa Baab al-Mandab hammaate, dhiyeessiin boba'aa addunyaa fi daldalli caalaatti jeeqamuu danda'a.

    Haalli kun yeroo ulaan Hormuuz sababii walitti bu'iinsa Ameerikaa fi Iraaniin cufamee jiru keessatti mudate.

  3. Waliigaltee Ameerikaa fi Sa’uudii irratti yaaddoon ka’e

    Tiraamp fi Mohammed bin Salman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan fi Sa'uud Arabiyaan waliigaltee humna niwukilaraa siiviilii mallatteessuuf qarqara irra jiru.

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, mootummaan Pirezidaantii Doonaald Tiraamp fi kan Sa'uud Arabiyaa waliigaltee tumsa humna niwukilaraa irratti waligaluun isaanii yaaddoo uumera.

    Waliigalteen kun yeroo dhiyootti ifatti ni beeksifama jedhamee eegama.

    Yoo waliigalteen kun hojii irra oole, Sa'uud Arabiyaan humna niwukilaraa warshaalee boba'aa ishee keessatti fayyadamun oomishuu fi qopheessuu akka dandeessu taasisa.

    Gaazexaan Niwu Yoorki Taayims Kibxata darbe qondaaltota Ameerikaa maqaan isaanii hin ibsamne lama wabeeffachuun akka gabaasetti bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee Sa’uudii Arabiyaa torban dhufu ifatti mallatteessee labsuuf karoorfateera.

    Ameerikaan fi Sa'uudi Arabiyaan waggoota hedduuf tumsa damee humna niwukilaraa kana irratti mari'achaa turan.

    Haa ta'u malee, miseensonni Kongireesii Ameerikaa muraasni yaaddoo isaanii ibsaniiru.

    Akka isaanii jedhanitti, Sa'uud Arabiyaan pirojektii kanaan gara fuulduraatti meeshaa waraanaa niwukilaraa horachuuf itti fayyadamuu dandeessi yaaddoo jedhu qabu

    Yoo waliigalteen kun ragga'e, hariiroon Ameerikaa fi Sa'uudi Arabiyaa,laafee ture akka fooyya'u ni eegama. Akkasumas, dhaabbilee daldalaa Ameerikaatiif carraa hojii fi invastimantii bal'aa uumaa jedhamee eegama.

  4. Lolli Iraan Ameerikaa Doolaara Biiliyoona 37.5 Baasise

    Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet akka jedhanitti, lolli Iraan waliin gaggeeffamaa jiru hanga ammaatti Ameerikaa gara doolaara biiliyoona 37.5 baasiseera.

    Kunis tilmaama baatii Caamsaa keessa kenname irraa doolaara biiliyoona 8 caalaa dabaleera.

    Heegseet Koree Baajata Seenaatii Ameerikaa maallaqa dabalataa doolaara biiliyoona 87 Peentaagoniif oolu akka raggaasisan gaaftan.

    Isa keessaa doolaarri biiliyoona 67 hojii waraanaa Bahaa Giddugaleessaaf oolu jedhan.

    Akka isaan jedhanitti, baajanni kun yoo hin raggaane, mootummaa waraanaa keessatti hanqinni guddaan uumamee leenjii waraanaa, kaffaltii miseensota waraanaa fi meeshaalee waraanaa guutuun rakkisaa ta'a.

    Miseensonni Paartii Dimookiraatii garuu gaaffii mootummaa kana mormaniiru. Baasiin waraanaa kun yeroo lammiileen Ameerikaa rakkoo jireenyaa keessa jiranitti mootummaa "maallaqa daangaa hin qabne waraanaaf gaafachaa jira" jechuun mootummaa Tiraamp qeeqan.

    Waayit Haawus bara baajataa itti aanutti Peentaagoniif doolaara tiriliyoona 1.5 Ebla keessa Kongireesii gaafate, kunis baasii waraanaa U.S keessatti kan sadarkaa olaanaatti ol guddisudha.

    Lolli Ameerikaa fi Iraan gidduutti torban darbe irraa eegalee deebi'ee jalqabee, biyyoonni lamaan walii isaanii fi michoota isaanii irratti haleellaa wal jijjiiruun itti fufaniiru.

  5. Tiraamp buufata Niwukilaraa lafa jalaa Iraan haleeluuf dhaadatan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru guyyaa 11ffa seeneera.

    Ameerikaan Kibxata galgala galgala yeroo 11ffaaf walitti aansuun Iraan irratti haleellaa kan raawwatte yoo ta’u, Teehiraan Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa ishee irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne akeekkachiifteetti.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mootummaa Iraan keessatti Naataanzitti kan argamu buufata niwukilaraa lafa jalaatti ijaarame irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'an dhaadatan

    Akeekkachiisa kana booda mootummaa Iraan, Ameerikaan yoo buufata kana rukutte deebii cimaa akka kennitu beeksifte.

    Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka jedhetti, duulli waraanaa Iraan irratti gaggeeffamaa jiru dandeettii Iraan Ulaa Hormuuz keessatti doonii daldalaa sodaachisuu fi miidhuu dadhabsiisuuf kan kaayyeffatedha.

    Miidiyaan mootummaa Iraan akka gabaasetti, sirnoonni ittisa qilleensaa Teehiraan keessatti hojii jalqabaniiru.

    Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka gabaasanitti,sirni ittisa qilleensaa magaalaa guddoo Tehran keessatti hojiirra oolera. Dhohinsi Tabriz, Chabahar, Konarak, fi Bushehr naannawa warshaan niwukilaraa Iraan lafa jalaa itti argamuutti gabaafameera.

    Ameerikaa fi michoota ishee Baha Giddu Galeessaa irratti haaloo baahaa kan jirtu Iraan, Doonaald Tiraamp Ameerikaan yeroo dhiyootti bakka niwukilaraa lafa jalaa naannoo Naataanz rukutti erga jedhanii booda haaloo bahuuf akeekkachiifteetti.

    Biyyoonni lamaan yeroo muraasaaf waliigaltee waraanaa dhaabuu irratti walii galanii turan. Haa ta'u malee, wal-dhabdeen Galaana Hormuuz waliin walqabatee yeroo ammaa irra deebiin gara wal waraanuutti ce'aniiru.

    CENTCOM akka himetti,Iraan ji'oota sadan darban keessa ''doonii daldalaa 30 ol irratti haleellaa raawwachuu himate

    Kanaafis Ajajni waraanaa Ameerikaa, buufatawwan waraanaa Iraan, humna galaanaa, humna qilleensaa fi bu'uuraalee waraanaa biroo hedduu irratti haleellaan raawwachii isaa ibseera.

  6. Ashamaa! Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii kanaan odeessa gurguddaa biyya keessaa fi alaa argattu.

    Nu hordofaa.

    Guyyaa gaarii!