Waan sirriitu ta'ee? Ispeen Waancaa Addunyaa fudhachuun ni malaafi?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Emmaa Ismiiz
- Gahee, Gaazexeessituu BBC Sport
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Xumura Waancaa Addunyaarratti Ispeen Arjantiinaatiin injifachuun 'kubbaa miilaaf injifannoodha' jechuu dandeenya.
Yeroo dabalataa keessatti Feraan Toorez galchuufi Rodriin Waancaa Addunyaa ol kaasuu kanneen argan Arjantiinaatu kaasuu qaba ture jedhanii waan gaabban hin fakkaatu.
Ispeen Arjantiinaa injifachuun Waancaa Addunyaa dhiirotaa yeroo lammataaf ol kaasteetti.
Ilaalcha kamuun kuni qabxiima sirriidha jedhu namoonni baay'een.
''Gareen inni cimaa akka mo'e shakkiin takka hin jiru,'' jedha dursaan taphattootaa duraanii garee Ingilaand Alan Shiirar.
''Jalqabaa hanga xumuraa Ispeen kubbaa to'atte. Isaanitu kubbaa taphataa, carraa uumaa ture.
''Akkaataa taphataniin kuni firii kubbaa miilaati. Ispeeniif ni mala.''
Ispeen kubbaa 65% to'atteetti, kubbaawwan 20 galchiitti rukutte keessaa 11 kallattii isaanii eeggatanii turan.
Gama kaaniin, karri eegaa Ispeen Unaayi Simoon tapha saddeet keessaa yeroo torbaffaaf osoo galchiin itti hin seeniin dirree keessaa bahe.
Kanaanis, badhaasa Golden Glove jedhamuufi karra eegdotaaf kennamu badhaafame.
Waancaa Addunyaa 2026 irratti Ispeenirratti galchii tokko qofatu itti seene. Kuni garee injifatu kamuu biratti isa baay'ee xiqqaadha.
Ispeen karaa hundaan Arjantiinaa caalte
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kubbaa miilaa sadarkaa idil-addunyaatti taphatamuuf darbuunu cimaadha. Ispeen garuu isarra fagoo jirti.
Isaan shaampiyoonaa addunyaa, Olompikaafi Awuroppaati. Waancaa Addunyaa dubartootaas injifataniiru.
Gareen Biyyaalessaa dhiiraa isaanii dorgommii hunda irratti taphoota 38 irratti hin mo'amne.
Gareen Awuroppaa biraa osoo hin mo'amin akkana fagoo imale hin jiru.
Ispeen tapha jalqabaa Waancaa Addunyaa baranaarratti Keep Verdee waliin galchii malee adda bahanii turan.
Waancaa Addunyaa bara 2010 irrattis Siwizerlaandiin 1fi 0'n mo'amuun eegalani. Waancaa lamaan irratti mo'icha malee eegalanii waancaan xumuran jechuudha.
Xumura Waancaa Addunyaa irratti taphattoonni kubbaa si'a 100 yookiin isaa ol dabarsan sadii qofaadha.
Sadii keessaa lama taphattoota Ispeenitu gaafa Dilbataa galmeesse. Rodriin si'a 101 akkasumas Paawu Kubaarsi 121.
Miseensota Garee Biyyaalessaa Ispeen baay'eef kuni jalqabbii fakkaata.
Taphataan ganna 19 Kubaarsiin taphataa ol adeemaa dorgommii kanaa yoo jedhamu michuun isaa Baarselonaa, Laamin Yamaal, immooo fuula duratti waan gaariitu isa eeggata.
Yamaal umrii isaa 19 fi guyyaa jahatti xumura Waancaa Addunyaarratti taphachuun taphataa dargaggoo sadaffaa ta'eera.
Isa dura Pelee bara 1958 akkasumas Juseppee Bergomi bara 1982 taphataniiru. Amma inni ol adeemaa sadaffaa waancaa injifatedha.

Madda suuraa, Getty Images
Arjantiinaan ni hanqatte
Xumura Waancaa Addunyaa kanarratti Arjantiinaan walumaa gala kubbaa 464 dabarsite ('passes'), Ispeen immoo 852.
Karri eegaa Arjeentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa 11 oolche. Kuni daataan akkanaa erga galmaa'uu eegaleeti xumura Waancaa Addunyaa irratti kubbaa danuu deebifamedha.
Gama kaaniin, Waancaa Addunyaa waggaa afur dura kan kaasaniifi barana walitti aansuun mo'achuuf kan turan warri Arjantiinaa ga'umsa gaarii hin mul'ifne.
Arjantiinaan tapha xumuraa Waancaa Addunyaarratti daqiiqaa 90 keessatti kubbaa tokkollee osoo galchiitti hin rukutiin hafuun garee jalqabaa taatetti.
Yaaliin jalqabaa taasisan daqiiqaa 117 irratti Liyoonel Mesiin kan taasisedha.
Arjantiinaan waancicha dhabdeetti. Erga firiimbiin afuufame booda wanti mul'ate kabaja isaaniis dhabuu namoonni baay'ee akka yaadan godheera.
'Amala badaa'
Taphataan Arjentinaa, Fernaandez, kaardii lama walumatti kaardii diimaan dirreedhaa baheera.
Erga taphni xumurame boodammoo taphataan Arjantiinaa biroo Paaredes taphattoota Ispeen kanneen akka Rodrii, Gaavi fi Borja Iglesiyaas akkasumas miseensa garee isaa Naahu'el Molinaa waliin yeroo lola seenu mul'ateera.
Taphataa Ispeen darbaa ture irrattis yeroo aboottee darbatu mul'ate.
Xinxalaan kubbaa miilaa BBC Waayni Ruuniin ''erga taphichi taphatame booda waan akkanaa arguun nama qaanessa,'' jedhe.
Tapha booda leenjisaan Arjentiinaa Liyoonel Iskaalonii tapha booda ibsa miidiyaaleef kenneen imimmaan buusaa ga'umsa garee isaanii dubbataa ture.
Garuu, garee cimaatu nu mo'ate jechuun amane.
''Hanga daqiiqaa 85'tti nu caalanii taphatanis, osoo taphataa 11 dirreedhaa qabna ta'e silaa waan mudatuu malu baruu nan jaaladha ture,'' jechuun waa'ee Fernaandez dirreedhaa baafamu dubbate.
''Injifachuun isaaniif mala, kuni haqa jirudha,'' jedhan.
Arjantiinaan taphichi gara yeroo dabalataatti akka ce'u gootus kuni dadhabina isaanii hin dhoksu.
''Waan mudateerratti warri Arjantiinaa homa komachuu hin qaban,'' jedha karri eegaan duraanii Ingilaand Joo Haart.
''Amala fokkisaa,'' jechuun ibse.



















