Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan haleellaan US hammaannaan ulaawwan daldalaa dabalataa cufuuf dhaadatte

Iraan mariitti hin deebitu taanaan torbee dhufu bu'uuraa'ee misoomaa kanneen akka humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa mancaasuuf Doonaald Tiraamp itti dhaadate.

Guduunfaa

Doonaald bu'uuraalee misoomaa Iraan mancaasuuf dhaadate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Poolisiin Afrikaa Kibbaa ajjeechaa hogganaa farra godaantotaa qorachuu eegale

    Gareen poolisii humna addaa Afrikaa Kibbaa ajjeechaa hoggana garee farra godaantotaa qorachuu eegale.

    Poolisiin Andile Mvuyelwa Somgxada, hogganaa farra godaantotaa kan mormii March and March jedhamuu kan kutaa bulchiinsa Gaawuteng ture.

    Namni kun jalqaba ji'a kanaa mana isaa Johaannisbargi keessatti argamu biratti rasaasaan rukutamee, guyyootaf hospitaala erga turee booda du'e.

    "Kun haaloo dha," jedhe dubbii himaa duula farra godaantotaa March and March Sandiil Duubee yaada BBC'f kenneen.

    Namni kun duula godaantotaa waan dursaa tureef ajjeefamuu amana.

    Akka Duubeen jedhetti, hoggantoonni biroo 'March and March' kan biyyattii keessatti hiriira mormii farra godaantotaa qindeessaa ture.

    Dhiyoo kana akeekkachiisaafi doorsisni ajjeechaa irra gahaa ture jedhe.

    'Kun ajjeechaa namoota mindeffamaniin qindaaye fakkaata,' jedhe Duubeen sagantaa Newsday BBC irratti yaada kenneen.

    Akkasumas aangawootni dhimma kana gadi fageenyaan akka qoratanii fi doorsisa garee kana mudachaa jiruuf akka furmaata fidan gaafateera.

    Itti-aantuu ittigaafatamtuun poolisii, Leftaant Jeneraal Puleeng Diimpeen, tajaajilli poolisii dhimma kana dhimma ijoo godhee ilaalaa akka jiru dubbatte; qorannoo kanaafis tuuta damee hedduu qabu hundeessuu ibsite.

    "Nuyi ragaa hundaa qorachuun haala du'a isaa ifa baasuu fi doorsisa garee kanarratti deemaa jiruun wal-qabatan adda baasuufi kanneen keessaa qooda qaban itti gaafatamoo taasisuuf kutannoo guutuu qabna," jette ibsa Kibxata kaleessaa kenniteen.

  2. Manni murtii Keeniyaa Raastafariiyaanonni Kanabiisii akka hin fayyadamne dhorke

    Mana Murtii Ol’aanaa Keeniyaa ol iyyata gareen Raastaafaariyaanotaa ittifayyadamni kaanaabiis kaayyoo amantiitf akka heeyyamamuuf dhiyeeffatan kuffiseera.

    Hawaasni Raastaafaariyaans dhorkaan kaanaabiis xuuxuu irratti kaawame mirga bilisummaa amantii fi amantaa isaanii kan heera mootummaa keessatti wabii argate kan sarbu ta’uu falmaa turan.

    Murtee seena-qabeessa kanaan, Abbaan Seeraa Bahatii Miwaamuyee, hawaasichi seeronni qoricha sammuu namaa hadoochan mirga heera kennameef akkamiin akka sarban mirkaneessuu hin dandeenye; garuu dhimma kaanaabiis irratti mariin biyyaalessaa bal’aan akka barbaachisu amananiiru jedhan.

    Keeniyaa keessatti kaanaabiis seera-qabeessa gochuuf dhiibbaan taasifamu itti fufee jira; qaamoleen fayyadama kanaabis deeggaran akka jedhanitti, misoomni fi daldalli isaa yoo seeran bulfame carraa hojii uumuu, galii taaksii guddisuu, akkasumas fayyadama indaastirii fi qorichummaadhaaf faayidaa kennuu danda’a.

    Akka Seera To’annoo Qorichoota Sammuu Hadoochanii fi Sammuu Irratti Hojjetanii Keeniyaatti, kaanaabiis dhuunfaan qabatanii argamuun ammas akka yakkaatti itti fufa.

    Namni kaanaabiis qabatee argame hidhaa hanga waggaa shanii ykn adabbii maallaqaa hamma doolaara 800 gahuun adabamuu danda’a.

    Kaanaabiis dhaabuun adabbii maallaqaa doolaara 1,900 ykn dachaa sadi gatii biqiltuu nama san harkatti argamee ykn isaa ol ykn immoo adabbii hidhaa waggaa 20 hordofsiisa.

    Qoricha kanaafi kanaan walqabatan daddabarsuun immoo adabbii hammaataa hordofsiisa.

    Raastafaariyaanonni iyyata isaanii keessatti, kanaabis akka amantaasaanitti baala eebbifamaadha jedhan.

    Dhaabuu fi misoomsuun, qabachuun, dhuunfaan fayyadamuun sodaa fi adabbii malee akka qabatanii deeman akka heyyamamuuf gaafatan.

  3. Iraan haleellaan US hammaannaan ulaawwan daldalaa dabalataa cufuuf dhaadatte

    Eeegdonni Warraaqsaa Iraan hanga "weerarri US " hin dhaabannetti Ulaan Hormuuz cufaa tura jedhan, Ulaawwwan deddeebisa boba'aa fi gaazii naannichaa kan biroos ni cufamu jedhan.

    Akeekkachiisni kun kan dhagahame, Ajajni Giddugaleessaa US (Centcom) Roobii ganama haleellaawwan diroonii, qilleensaa fi galaanarra raawwachuu beeksisee booda.

    Haleellan Roobii ganamaa kun haleellaa halkan sa'aatii torbaaf ture malee dha.

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp torban dhufu biyyattiin yoo mariitti hin deebine, riqichawwanii fi maddeen anniisaa isaanii ni haleella jedhee dhaadate.

    "Haleellaa maddeen anniisaa isaanirratti godhu nan tursiisa, dhumarra garuu maddeen anniisaa ni rukutna," jedhe Tiraamp gaaffii fi deebii Jimata galgala sagantaa Special Report with Bret Baier irratti dhiyaateen.

    Muddamni kun Tiraamp qaraxa %20 kan Ulaa Hormuz irratti kaffalchiisuuf karoorse dhiisee booda.

    Qaraxa yaade kana daldala guddaa fi hojii investimantii biyyoota GalooGalaanaa waliin godhamuun akka bakka bu'u dubbate.

    Uggurri haaraan Ulaa Hormuz irraa US kan keesse Kamisa galgala kaaseti. Kunis dooniiwwan buufata doonii Iiraan fi naannoo qarqara bishaanitii deddeebi'an dhorka.

    Deebii kanaan, Eegdonni Warraaqsaa Iraan Ameerikaadhaf akeekkachiisa kennaniiru, "gaazii fi boba'aa gara alatti ergan kan biroo kan faayidaa Ameerikaa fi michoota ishee tajaajilan akka cufamaman eeggadhaa" jedhan. Karaalee kam akka tuqaman garuu bal'inaan hin ibsine.

    Miidiyaan mootummaa Iraan, waraanni biyyattii buufatawwan waraana US kan biyyoota Jordaan, Kuweetii fi Baahireen keessatti argaman irratti haleellaa adda addaa raawwachuu isaa gabaaseera.

    Biyyoonnii michuu US ta'an kunniinis,diroonotaa fi haleellawwan qilleensaa Iraan irraa furguggifaman qolachuu beeksisan.

  4. Tapha dhumaa Waancaa Addunyaarratti yeroon boqonnaaf kennamu daqiiqaa 20-25 ta'uu akka danda'u ibsame

    Tapha xumuruu Waancaa Addunyaarratti yeroon boqonnaa daqiiqaa 15 ture yoo xiqqaate gara daqiiqaa 25tti ol guddata jedhame.

    Dilbata dhufu Ingilaandifi Arjentiinaa keessaa kan mo'ate Ispeen wajjin waancaaf taphatu. Tapha xumura Waancaa Addunyaa baranaa Isteediyeemii Niwu Yeersitti gaggeeffamu kanarratti yeroon boqonnaa daqiiqaa 20-25 ni ta'a jedhamee eegama.

    Yeroo kanatti daqiiqaa 10 kan ta'uuf namoonni akka Madoonaa, Shakiiraa fa'aa sirba ni dhiyeessu jedhame.

    Akkaataa seera taphataa Boordii Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaatti, yeroon boqonnaa taphattootaa daqiiqaa 15 darbuu hin qabu.

    Bara darbe dorgommii xumuraa Club World Cup Isteediyeemidhuma Niwu Jeersii kanatti gaggeeffamerratti yeroon boqonnaa kenname 24 ture. Sababni ammoo gidduudhaan sirbitoonni gidduudhaan sirbasaanii dhiyeessuun hirmaattota bashannaniisu waan taa'eefi.

    Sirna cufiinsaa Waancaa Addunyaa kanarratti ammoo namoonni akka Toom Kiruuz, Laawuraa Pausiini, Nikool Sheerzinger, Roobii Wiiliyaams, IShowSpeed qophii akka dhiyeessan ibsameera.

  5. Iraan marii itti hin fuftu taanaan bu'uuraalee misoomaa Iraan akka mancaasu Tiraamp dhaadate

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp Iraan mariitti hin deebitu taanaan torbee dhufu buufataalee misoomaa kanneen akka humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa akka mancaasu dubbate.

    Tiraamp kana kan dubbate af-gaaffii miidiyaa Fox News waliin taasiseen yoo ta'u, Iraan mariitti hin deebitu taanaan haleellaa cimaa buufataalee misoomaa biyyattiirratti akka gaggeeffamu nan ajaja jedhe.

    Torban kana keessa Iraanifi US guyyaa arfaffaa walitti aansuun wal-haleelaniiru.

    "Dhuguma dubbachuuf torban dhufu isaaniif hamaadha. Wiirtuwwan humna ibsaa isaanii hunda haleeluuf jenna. Mariitti hin deebi'an taanaan riqichawwan isaanii hunda ni mancaasna," jedhe.

    Tiraamp bu'uuraalee misoomaa Iraan mancaasuuf dhaadachuunsaa kun kan jalqabaa miti.

    Ji'a Eblaa keessas buufataalee humna ibsaafi riqichawwan Iraan haleeluuf itti dhaadatee turuun ni yaadatama. Kuni ammoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee hawaasa idiladdunyaarraa mormii Tiraamp irratti kaasee ture.

    Akkaataa Waliigaltee Jeneev bara 1949 mallattaa'en, bu'uuraalee misoomaa tajaajila siviliif oolan irratti haleellaa gaggeessuun yakka.

  6. Ashamaa!

    Tiraamp buufataalee misoomaa Iraan mancaasuuf itti dhaadate.

    Sana dura Iraan mariitti yoo deebiteef torban tokko kennuufii ibse.

    Biyyoonni lachuu torban tokkoo as wal-haleelutti deebi'aniiru.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa, muddama Baha Giddugalaa dabalatee, isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!