Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Jen. Tsaadqaan fa'i dhimma Tigraay irratti Finfinneetti hiriira bahuufi
Hiriirri nagaa ''dirqiin waraanatti naquuf'' sochii taasifamu kan mormu akkasumas mootummaan federaalaa dhimma naannichaa irratti ''dirqama mootummaa akka bahu'' gaafatu Sanbata xiqqaa dhufu Magaalaa Finfinneetti akka taasifamu qopheessitoonni dubbatan.
KALLATTIIN, US yoo Iraan haleelte Huutiin Galaana Diimaa cufu jette Iraan
Hidhattoonni Huutii Yaman US buufataalee anniisaa isaanii yoo haleelte ulaa daldala boba'aa Galaana Diimaa akka cufan Teehraan dhaadachuu ishee Rooytars gabaase.
MM Abiy heerri Itoophiyaa fooyya'uu akka danda'u akeekan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad heera Itoophiyaa irratti jijjiiramni jiraachuu akka malu akeekanii dubbatan.
'Mootii kubba miilaa tahuusaa mirkaneesse' - Meesiin akkamiin abjuu Ingilaand dukkaneesse?
Arjeentiinaan 2-1 Ingilaand mo'achuun xumura Waancaa Addunyaaf darbite.
Keeniyaan gaaffii Raastafariyaanoonni 'gaanjaa' dhimma amantiif fayyadamuu kuffiifte
Manni Murtii Keeniyaa fayyadama Kaannabiisii kaayyoo amantiitiif hayyamuu Raastafariyaanoonni dhiyeessan kuffise
Waraanni Ameerikaa qorannoo hanqina teestoostiroonii jalqabuufi
Hogganaan Humna Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseez loltoonni umriin isaanii waggaa 30 fi isaa ol tahe hanqina teestoostiroonii qabaachuu ilaalamuu qabu jedhe. Kunis qaama qorannoo fayyaa waggaa waggaan geggeeffamuuti.
Afrikaa Kibbaatti namichi mormii farra godaantotaa dursaa ture ajjeefamuu fi yaaddoo uume
Afrikaa kibbaatti namoota sochii Farra godaantotaa dursaa jiran keessaa tokko kan ta'e Andiilee Somigaadaa haala hin beekamneen ajjeefamuun sochii kana daran hammeessuu mala yaaddoo jedhu uumeera.
Hirmaattonni marii biyyaalessaa kumni afur akkamiin ajandaawwan irratti marii'atu?
Komishiniin Marii Biyyaalessaa waggoota afur oliif bakka bu'oota filachuu, ajandaa walitti qabuuf qindeessuu fi hojiiwwan biroo hojjataa ture har'a Roobii,15, 2026 marii isa xumuraa eegala.
Hospitaalli Kuyyuu meeshaalee yaalaa birrii mil.100 ta'u daayaaspooraarraa argate
Dhalattoonni godina Shawaa Kaabaa (Salaale) biyyoota Addunyaa garaagaraa jiraatan Hospitaala Waliigalaa Kuyyuutiif meeshaalee waldhaansaa birrii miliyoona 100tti tilmaamamu deeggarsa godhan.
''Yaaddoon nu fixe'' - Barattoota kutaa 12ffaa Tigraay muddaman
Biiroon Barnoota Naannoo Tigraay bulchiinsa TPLF jala jiru yeroon qormaatni kennamu jijjiiramuu isaa hin fudhanne.
Iraan haleellaan US hammaannaan ulaawwan daldalaa dabalataa cufuuf dhaadatte
Iraan mariitti hin deebitu taanaan torbee dhufu bu'uuraa'ee misoomaa kanneen akka humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa mancaasuuf Doonaald Tiraamp itti dhaadate.
Imbaappee fi taphattoonni Faransaay kaan erga Ispeeniin mo'amanii maal jedhan?
Yeroo addunyaan Faransaay Waancaa Addunyaa mo'atti jettee eegdutti ijoolleen Ispeen taphattoota urjii Faransaay waan raajii goote. Ispeen 2-0 Faransaayiin mo'achuun xumura Waancaa Addunyaaf darbite.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Miseensi Parlaamaa Oromiyaarraa filaman parlaamaatti maal taajjaban?
Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.
Viidiyoo, MM Abiy Ahimed waa'ee nageenyaa, hidhattootaa, dinagdee fi TPLF maal jedhan?
MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa ''ofii du'anii nu jiraachisan qeequun'' rakkoo guddaa tahuu himan.
Viidiyoo, Xumura hawwii Waancaa Addunyaa injifachuufi milkii Roonaaldoo
Injifataan Ballon d'Or yeroo shanii Kiristiyaanoo Ronaaldoo, imala milkaahina hedduun dabalaame qabaatus shaampiyoonaa addunyaa osoo hin ta'iin soorama bahuufi.
Viidiyoo, Wayita rakkoon nageenyaa hammaatetti biyyoota Afrikaa nagaafi tasgabbii qaban 10
Akka gabaasa kanaatti, nageenyi addunyaa bara darbe harka 0.7n hir'ateera, kunis yeroo 12ffaaf walitti aansee bu'uu agarsiisa.
Viidiyoo, Waloo Jaarsoo Waaqoo: 'Osoo Oromoofi Oromiyaaf boowuu itti wareegame'
Jaarsoo Waaqoo nama Oromiyaa kibbaa Boorana naannawa Mooyyalee iddoo addaa Tuqaa jedhamutti dhalate.
Viidiyoo, Pirezidantiin Keep Verdee 1fi 0 Arjantiinaa injifanna jechuun tilmaaman
Biyyi kun dorgommii Waancaa Addunyaarratti hunda caalaa addunyaa ajaayibsiiteetti.
Viidiyoo, Icciitiin ol adeemaa sooftiweerii danuu hojjete maali?
Sanyii Dirribaa jedhama ogeessa sooftiweerii umurii 16ti. Garuu, umuriisaa kanatti sooftiweerii hawaasa tajaajilan hedduu dalageera.
Viidiyoo, Komishiniin Marii Biyyaalessaa qabxiilee 8 adda baase maal fa'i?
Ajandaaleen kunneen saddet ajandaalee hedduu dhiyaatan keessaa cuunfamuun kan adda bahanidha jedhe komishinichi.
Viidiyoo, Qaamni saalaa dhangooguun dhibee suuta nama ajjeesuuti maaliif jedhama?
Qaamni saalaa dhiiraa dhangooguu dhabuun agarsiistuu dhibee onnee, istirookii, sukkaaraa fi miidhama sammuu ta'uu mala.
Viidiyoo, "Konkolaachiftuurraa ka'een balaliistuu ta'uu barbaada" - Cule
Konkolaachiiftuu Culee Mokonnin jedhamti; jiraattuu Magaalaa Yaa’abal’ooti. Kun fedhii haadhashee akka ta'e BBC'tti himte.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
'Finfinneefi Dirre Dhawaa dabalatee dhimmoota falmisiisoo Badhaadhinni Marii Biyyaalessaaf dhiyeessuuf jiru
Paartiin biyya bulchu Badhaadhinni ajandaawwan marii biyyaalessaaf dhiyeessurratti miseensota mana maree paartichaa waliin mariyateera.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
'Gaaffii gaafachuu barbaannu yeroo hin eeyyamnetu jira' - Miseensa Parlaamaa
Dr Kafanaa Ifaa waggoota shanan darban paartii biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu'un Miseensa Parlaamaa ta'un tajaajilaniiru.
Mootummaan tarkaanfii humnaa fudhatus hidhattoonni maaliif hin dhabaman?
Ogeessa seeraa idiladdunyaa fi dippiloomaatii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa ''hanga gaaffiinsaanii ganamaa furamutti sochiin hidhattootaa dhaabbachuu hin danda'u,'' jedhan.
Ertiraan haasaa MM Abiy tibbana Paarlamaa irratti dubbataniif deebii kennite
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yemaanee Gabremasqal haasaawa cufiinsa waggaa Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif Adooleessa 7, 2026 taasisan cimsanii qeeqan.
MM Abiy Ahimed waa'ee nageenya biyya keessaa, hidhattootaa, dinagdee fi TPLF maal jedhan?
Kora paarlaamaa har'a taa'ame irratti MM Abiy Ahimed gaaffii miseensota Paarlaamaa irraa ka'eef deebii kennaa. Dinagdeen Itoophiyaa %10 oliin guddachuu fi al-ergii irraa galiin kan waggoota 17 keessatti argame caalu waggaa tokkotti argamuu himan.
Tigraayitti 'kanneen humnaan waraanatti guuraman umrii 18 gadi'- Komishinii Mirga Namoomaa
Duula dirqiin namoota waraanatti makuu Naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiruun kanneen guuramaa jiran irra caalaan isaanii umriin isaanii waggaa 18 gadi ta'uu mirkaneeffachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibse.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota baayyina uummataa guddaa qaban saddeet Waancaa Addunyaarra hin jirre
Biyyootni baayyina uummataa guddaa qaban Indiyaan, Baangilaadeesh, Itoophiyaa fi Paakistaan hanga har'aa Waancaa Addunyaa hawwuu malee hirmaatanii hin beekan. Maaliif? Kana jijjiiruuf maal gochuu qabu?
Haleellaa 'hidhattoonni Faannoon' Horroo Guduruu Wallaggatti gaggeessaniin namoonni 10 ol ajjeefamuu jiraattonni himan
Haleellaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti hidhattoota Faannoon raawwate jedhameen lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu jiraattonniifi mootummaan beeksise.
Liqeessitoonni mootummaa Itoophiyaa himanna jechaa turan akkamiin waliigalan?
Dureeyyiin mootummaa Itoophiyaaf maallaqa liqeessan ji'a tokko dura mootummaa Itoophiyaa akka himatan beeksisanii turan.
Eertiraan lammiileen maallaqa harka isaanii jiru hatattamaan akka baankii galchan ajajje
Mootummaan Eertiraa lammiileen biyyattii maallaqa harka isaaniirra jiru hunda hanga xumura ji'a Adoolessaatti akka baankii galchan akeekkachiise.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ispoortii
Gaazexeessaa Arjantiinaa umurii arraagessaa Waancaa Addunyaa 18ffaa gabaasaa jiru
Gaaxexeessaan kun ogummaasaan waggoota 70 ol hojjateera. Walitti aansuun Waancaa Addunyaa 18 irratti argamuun gabaasera.
'Bineeyyii', Harka Waaqaa fi Beekaam- wal morkii Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa
Seenaan masaanummaa Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe akkasumas seenaawwan ajaa'ibsiisoon kan guutamedha.
Lamiin Yamaal moo Imbaappee? Taphattoota urjii Laaligaa seenaa hojjechuuf xiiqeeffatan
Lamiin Yamaal yeroo lamaa fi isaa ol sadarkaa kilebii fi biyyaatti Kiiliyaan Imbaappee waliin walitti dhufee mo'ateera. Waancaa Laaligaa fi Waancaa Awurooppaa Imbaappee caaluun mo'ateera.
Taphataan Afrikaa Kibbaa Waancaa Addunyaarratti hirmaate boqote
Taphataan sarara jidduu Afriikaa Kibbaa fi kilaba Mamelodi Sundowns Jaayden Adaams, erga tapha Waancaa Addunyaarratti biyyasaatiif taphateen torbanoota muraasa booda, umrii waggaa 25tti du'aan boqateera.
Halaand Ingilaanditti dhiibbaa uumaa jechuun miidiyaa itti qare
Tapha hirboo maayii Waancaa Addunyaa gaafa Sambataa Ingilaand waliin qaban irratti dhiibbaan ijoo Ingilaand irra jira jedhe jifataan Noorwey Erliing Halaand.
Waancaa Addunyaa 2026: Dhuguma Arjantiinaaf addatti loogiin taasifamaa jiraa?
Arjantiinaan Waancaa Addunyaa bara kanaa harkatti galfachuuf tattaafii cimaa gochaa jirti. Morkiin biyyoonni biroon taasisaa jiran cimaa ta'uusaatiin ifaajiin Arjantiinaa kun waanuma eegamudha.
Faransaay mo'amuu dandeessii? Xiinxaltoonni BBC yaada addaa qabu
"Faransaay Waancaa Addunyaa mo'achuuf biyya shakkii hin qabne tahee natti argama jedhe taphataan duraanii Arsenaal Iyaan Raayit.
Arjantiinaan kan mo'amte Masriin 'haqan dhabe, Mesii caalsisan' jettee himatte
Yeroo yeroon idilee taphaa xumuramuuf daqiiqaan 12 hafu Masriin seenaa Waancaa Addunyaa keessatti sadarkaa gahanii hin beeknerra gahuu amananii ture.
Waancaa Addunyaa kana booda sooraman baha- Kiristaanoo Roonaaldoo
Kubba miilaa ammayyaa keessatti namni ana caalu hin jiru jedhee kan amanuu fi badhaasa taphataa cimaa adunyaaf kenname Ballon d'Or yeroo shan kan mo'ate Kiristaanoo Roonaaldoo dirreetiin ala jireenyi isaa maal fakkaata?
Tiraamp adabbii kaardii diimaa taphataa Ameerikaa Baaloogun irratti darbe akkamiin kaasise?
Adabbiin kaardii diimaa taphataa Ameerikaa Baalogun ka'uun falmii kaase.
Faransaay qormaata Paraguwaay darbite, Morookoon morkii waancaa cimsatte
Faransaay fi Morookoon qormaata cimaa fi morkii jabaa keessa darbuun nuusa xumuraaf ga'anis tapha walakkaa (maayii) xumuraan wal morkatu.
Keep Veerdee nagaatti - Biyya xiqqoo Waancaan Addunyaa hin daganne
Keep Veerdeen biyya xiqqoo addunyaa ta'uu malti, ammoo dhugumatti gurra guddaa horte.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.