Poolisiin Afrikaa Kibbaa ajjeechaa hogganaa farra godaantotaa qorachuu eegale

Madda suuraa, Gallo Images via Getty Images
Gareen poolisii humna addaa Afrikaa Kibbaa ajjeechaa hoggana garee farra godaantotaa qorachuu eegale.
Poolisiin Andile Mvuyelwa Somgxada, hogganaa farra godaantotaa kan mormii March and March jedhamuu kan kutaa bulchiinsa Gaawuteng ture.
Namni kun jalqaba ji'a kanaa mana isaa Johaannisbargi keessatti argamu biratti rasaasaan rukutamee, guyyootaf hospitaala erga turee booda du'e.
"Kun haaloo dha," jedhe dubbii himaa duula farra godaantotaa March and March Sandiil Duubee yaada BBC'f kenneen.
Namni kun duula godaantotaa waan dursaa tureef ajjeefamuu amana.
Akka Duubeen jedhetti, hoggantoonni biroo 'March and March' kan biyyattii keessatti hiriira mormii farra godaantotaa qindeessaa ture.
Dhiyoo kana akeekkachiisaafi doorsisni ajjeechaa irra gahaa ture jedhe.
'Kun ajjeechaa namoota mindeffamaniin qindaaye fakkaata,' jedhe Duubeen sagantaa Newsday BBC irratti yaada kenneen.
Akkasumas aangawootni dhimma kana gadi fageenyaan akka qoratanii fi doorsisa garee kana mudachaa jiruuf akka furmaata fidan gaafateera.
Itti-aantuu ittigaafatamtuun poolisii, Leftaant Jeneraal Puleeng Diimpeen, tajaajilli poolisii dhimma kana dhimma ijoo godhee ilaalaa akka jiru dubbatte; qorannoo kanaafis tuuta damee hedduu qabu hundeessuu ibsite.
"Nuyi ragaa hundaa qorachuun haala du'a isaa ifa baasuu fi doorsisa garee kanarratti deemaa jiruun wal-qabatan adda baasuufi kanneen keessaa qooda qaban itti gaafatamoo taasisuuf kutannoo guutuu qabna," jette ibsa Kibxata kaleessaa kenniteen.





