Hordoftoonni amantaa Raas Tafariyaanii Shaashamannee irraa gara Harariitti imaluuf yaadaniiru

«Gara Ardii Afriikaa ilaalaa. Gurraachi tokko ni mo'a; bilisummaanis ni ta'a,'' kana kan jedhees qabsaa'aa mirga namoomaa lammii Jaamaayikaa Maarkiis Gaarveeyi ture kana kan raagee.
Mootii Haaylasillaassee kan sarba mirgoota namoomaan balaalleeffaman; garuu warra Jamaayikaanootaan akka 'waaqaatti' ilaalaman ALI bara 1923 gara aanootti dhufan.
Warri Raas Tafariyaan oduu mo'icha Hayilasilaasee dhagahanis harka fuchuuf gara Itoophiyaa dhufuu eegalan.
Haayilasilaaseenis bara 1966 tti gara Jamaayikaa imalan. Akka carraa ta'ees biyyattii roobnii baroota dheeraaf irraa fagaate ture, Haayilasillaaseen akkuma doowwannaaf Jamaayikaa galaniin roobeef. Haalli kunis Hayilasillaaseen warra Janmaayikaanotaatiin akka 'waaqaatti' akka ilaalaman akka isaan taasise dubbatama.
Haayilasillaaseenis gurraacha gara Afriikaatti deebii'u barbaaduu yaa ta'u jechuun naannoo Shaashamanneetti lafa heektaara gara 200 ta'u akka kennaniif dubbatama.
Jalqabarrattis lammiilee Jamaayiikaa 12 ta'an qofti gara Shaashamannee akka deeman dubbatama. Booda keessa garuu wal jalaan akka baayyataa deeman ragaaleen ni mul'isu.
Hanga har'aattis hordoftoonni amaniichaa hedduun Shaashamaneetti argamu. Haa ta'u malee wayita ammaatti bakka waggoota gara afurtamaa jiratan Shaashamannee irraa gara Harariitti imalu akka barbaadan himu. Maaliif laata?
Shaashamannee irraa gara harariitti
Raas Iziqeel Kumaa waggoota baayyeef Itopphiyaa keessa kan jiraate yoo ta'u, ijoollees asumatti godhateera.
Imala amantaa Shaashamannee irraa gara Harariitti taasifamu kan ogganu Raas Iziqeel Kumaa, hawaasa Raas Tafariyaaniif Shaashamannee caalaa Hararii dhiiheenya akka qabdu dubbatu.
''Ta'u kan qabnu Haarar ture. Harariis lama mootiin keenya itti dhalataniidha. Achis waldaa waadaa haaraatiitu jira,'' jedhu Raas Iziqeel.
Imala kana taasisuuf kan itti amananii ka'an garuu lakkoofsaan muraasa ta'us himaniiru. Isaan malees warri Jaamaayikaa bakka jireenya isaanii Harar taasifatan jiraachulleen dabalnii dubbataniiru.
''Imalli kun nuuf hiikkaa guddaa qabaata. Waamichi afuuraa akka gara Harariitti imallu nu taasisu gaheera. Imalicha eegaluuf nuti qofti yaa murteessinu malee, waamichi kan darbee hordoftoota amantichaa hundaaf'' jedhu.
Hordooftoota amatichaatiif harari hiikkaa qabu yoo himan, ''hordoftoonni ammantichaa hundi osoo bara jireenyaa isaaniitti Ijeersa Gooroo arganii baayyee natti tola. Hordooftoonni amataa Isilaamaa Makkaa, kan kiristaanaa ammoo Yerusaaleem Betelheem akkauma deemuuf akkuma hawwan sana, nutis Harariin ilaaluu barbaadna,'' jedhu.

Hordoftoonni amantii kanaas Haraariitti hawaasa akkamii hundeessu akka barbaadan ilaalchisees, imalich ganaa kan jalqabiirratti argamu yoo ta'eyyuu, hawaasni hundeessu barbaannu kan Shashamannee tureen addadha jedhu Raas Iziqeel Kumaa.
«Fedhiin keenyas eddoo hordoftoota amantaa Raas Tafariyaaniif mijatu umuudha. Tokkummaasaa irratti bu'ureefachuun hawaasa wal kabajaa fi walii galu umuuf barbaadna.
Dachiin Shaashamannee waggoota 40 oliif isaan dahachiifte hoo maaltu itti dhagahamaa laata jehamanii gaaffii dhiyaateef deebii yoo kennanis, Raas Kumaan imalasaanii Shaashamanneedhaa ka'uu gara Haarariitti taasisaniif akka qubannaatti akka jalaa hin fudhatame sodaa qabu.
''Dhimmichi dhimma boqonnaa haaraa saaquuti. Baayyeen keenya kan biyyoota Awurooppaatti koolu galuun jiraannu turre. Amma garu dhimma hunda keenya tokko nutaasisu barbaanna. Kana yoo yaadnu ammaa lafa Haayilasilaaseen itti dhalatan kan caalu waan jiru natti hinfakaatu. ''
Ejeersa Gooroo
Imalichi ganaa jalqabbii irratti argama. Karoorawwan keenya kessaa tokkos Ejjeera Goorootti bataskaana tokko ijaaruudha. Waggoota lamaan keessattis waanti hedduun fiixaan bahuun ilammi Shaashamanneerraa gara Haararii akka eegalamu amantaa qaban Raas Iziqeel ni dubbatu.
Biiroo Aadaa fi Turiziimii Naannoo Hararii walinis walta'insaan hojataa jiraatu dubbatu. Waldaan Ortodoksii damee Harargee Bahaas akka Raas tafariyaanoota waliin hojjataniif akka barbaadan Raas Iziqeel gaafataniiru.
Raas Tafariyaanoonni Addunyaa hundatti argamanis, dhimmichaaf gurra kennu akka eegalan kan himan raas Kumaan, hojiin Bataskaan ijaaruufi kan biraas kan xumuraman yoo ta'e, gargaarsi asiifi achu dhufuunsaa kan hinolleedha jedhu.
Dhuguma Ejjeersii Gooroo dachii Oromoo lafa boqannaa hordooftoota amantaa Raas Tafariyaan ni taatii laata? Dhumaarrattis, hordoftoonni amantichaa imala amantaa yaadaa jiran lafa dhaloota Haayilasillaasee, badchii abdiisaanii taasifachuun taasisuu laata?
















