US buufataalee anniisaa Iraan yoo haleelte Hidhattoonni Huutii Yaman, ulaa daldala boba'aa Galaana Diimaa akka cufan Teehraan dhaadatte

Madda suuraa, Reuters
US buufataalee anniisaa Iraan yoo haleelte Hidhattoonni Huutii Yaman, ulaa daldala boba'aa Galaana Diimaa akka cufan Teehraan dhaadatte.
Hoggantoonni Iraan dhimmicharratti kan mariyatan yoo ta'u, michuuwwan ishee Yaman Huutiiwwaniif ergaan kun darbuu dhimmichatti dhiyoo kan ta'an aangawoonni olaanaan Teehraan lama himan.
Dhimmichi reefu waan ta'eef aangawoonni eenyummaa isaanii ibsuu hin feene.
Asiin dura waayee dhimma kanaa homtuu waan himame hin jiru, garuu Huutiiwwan dhiyeenya ergaan kun isaan gahuu ibsame.
Ergaan kun karaa kamiin akka barames hin baramne. Kibxata, Tiraamp yoo Iraan gara mariitti hin deebine maddeen anniisaa isaanii daaraa goona jedhee dhaadatee ture.
Ministeerri dhimma alaa Iraani fi dubbii himaan Huutii yaada akka kennaniif Rooytarsi gaafatus deebii hin kennine.







